Yeroo Keenya Akkamiin To’achuu Dandeenya?

Hundumti keenya jireenya keenya keessatti yeroo hedduu osoo qabaannee ni feena. Umurii, saala, galii fi amataa feete keessa jiraadhu,  akkuma nama kamiiyyuu yeroo wal qixaa qabda.  Hojii hojjenne of duuba deebinee yeroo madaallu garuu, bu’aa buusnetti qaanofna. Inni kun immoo sodaa nutti uuma. Kanaaf eenyullee yoo taane yeroo keenya to’achuu danda’uu qabna. Itti fayyadama yeroo waan hin beekneef yeroo baay’ee ” waan kana gochuuf yeroo gahaa hin argadhu”, “ana kana gochuun na rakkisa ” , yoo jennu of hubanna. Yeroo qabnuuf bakka hin kenninu taanaan hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuun oduudha.

Continue reading

Afaan Oromoo

Afaan Oromoo afaanota hortee maatii xiqqaa Kuush jalaa isa guddaa fi afaanota akka Afrikaatti dubbataman keessaa Afaan Arabaa , Afaan Kiswaahilii fi Hawusaatti aanee sadarkaa 4ffaa irratti argama. Dubbattoota afaan dhalootaa miiliyoona 60 ol qabaachuunis Itoophiyaa keessatti afaan dursaati. Uummattoonni afaan kana dubbatanis Itoophiyaafi Kaaba Keeniyaa keessatti argamu.

Seenaa Qubee Afaan Oromoo Afaan kamiyyuu qubee barreeffamaa hin qabu taanaan guddachuu mitii tajaajilli inni kennaa jiruyyuu gad bu’uun isaa waan hin hafne dha. Afaan Oromoos afaanota baroota dheeraaf qubee ittiin barreeffamu hin qabneefi sadarkaa dubbiittuu afaan cunqursaa hamaa jala ture dha. Afaan Oromoo afaan dubbii bira darbee afaan barreeffamaa ta’uun isaa seenaa yeroo dhiyooti.

Qubeen tokko mallattoolee Sagaleelee afaan sana keessa jiran guutuutti bakka bu’an of keessaa qabaachuu qaba. Afaan Oromootiif qubee madaqsuufis yaaliin bal’aan taasifameera. Isaan keessaa :

Qubee Arabaa – qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina ,laafinaa fi jabeenya Sagaleelee mul’isan sirriitti qaba. Garuu, Afaan Oromoo ittiin barreessuuf hanqina qaba ture. Mallattoolee Sagaleelee Afaan Oromoo baayinaan 6 ta’an bakka bu’u of keessaa hin qabu. Sagaleelee kunniin ; c, ch, dh, g, ny, ph ,,, hin qabu.

Qubee Saabaa – Qubeen Saabaa sababa seera laafina, jabeenya, dheerinaa fi gabaabina Sagaleelee irratti hanqina waan qabuuf Afaan Oromoo barreessuuf hin mijoofne ture. Kana malees, qubeen Saabaa dubbachiiftota 7 qofa qaba. Isaan keessaayyuu lama Sagalee Afaan Oromoo waliin wal hin gitan. Afaan Oromoo immoo dubbachiiftota 10 qaba. Kanaaf qubee Saabaatiin Afaan Oromoo barreessuun hin danda’amne.

Isaan kana malees Afaan Oromootiif qubee Sheek Bakrii Saphaaloon ofiif kalaqanii ittiin barreessaa fi barsiisaa turan qubee Oromoodhaan uumamte taatee barabaraan ni yaadatamti.

Qubee Laatinii – Yaaliin qubee Laatiniitiin Afaan Oromoo barreessuuf godhame jalqabaa fedhii amantii babaldhisuuf mishinaroonni taasisaniin walqabata ture. Lammatarratti tattaaffiin lammii Xaaliyaanii Martin Moreno jedhamu taasise Afaan Oromootiif qubeen Laatinii madaqsuun wayita abdii cimaa horedha. Itti aansees hojii barattoonni Oromoo carraa barnootaatiin gara biyyoota Awurooppaatti imalan hojjetan Afaan Oromootiif qubee Laatinii madaqsuun kan irraa duuba hin deebi’amne ta’ee mul’ate. Barattoota kanneen keessaa Dr, Hayilee Fidaan shoora olaanaa qubee kanaaf kan bahatedha. Yeroodhuma sana bara 1973/74 keessa kitaaba ‘Hirmaata dubbii Afaan Oromoo’ fi ‘Bara Birraan Bari’e’ jedhan biyya Jarmanitti maxxansiisan. Wayita Hayila Sillaaseen aangoorraa bu’u barattoonni kunniin gara biyyaa deebi’an. Boodas ABO,n dabareesaa qubee Hayileefaa ofitti fudhachuun Afaan Oromoo ittiin barreessuu itti fufan.

Haa ta’u malee, qubeen Hayileefaa kunniin dhamsaga hudhaa(‘) jedhamtu kan dagatan turan. Akkasumas qubee kanaaf konkolaataan maxxansaa hin argamne ture. Ta’us, kanuma afaan Ingiliziitiin maxxansiisuuf yaaliin taasifameera.

Dhumarratti, qubeen Dr. Mohaammad Rashaad irra caalaa filatamtee hojiirra ooluu jalqabde. Haa ta’uutii qubee kanaan barreessuufi maxxansiisuun ulfaataa ture. Sababni isaas Dargiin Afaan Oromoo qubee Saabaa qofaan qofa akka barreeffamuu qabu waan murteesseef ture. Galata Waaqaa fi beektota keenyaati, har’a qubee kana kan keenya godhannee akka feenetti barreessina.